Fana: At a Speed of Life!

Lubbuusaa aarsaa kan taasisuu raayyaa ittisa biyyaf wantii nuti hin laannee hin jiru- jiraattoota magaalaa Jimmaa dhiiga arjooman

Finfinnee, Adooleessa 25, 2013 (FBC)-‘Aarsaa lubbuu kaffalaa kan jiru gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiigakoo nan arjooma” mata duree jedhuun Magaalaa Jimmaatti sagantaan dhiiga arjoomuu raawwatamaa jira.

Dagaggoonni magaalaa Jimmaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjooman Birmadummaa biyyaa kabachiisuuf kan duulaa jiru Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa kamuu taasisuuf boodatti hin deebinuu jedhaniiru.

Dargaggoonni kunneen akka jedhanitti, Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga keenya miti lubbuu keenyayyu ni kenninaa jedhan.

Ityoophiyaa tokkummaan haleellaa kamirraayyu ittisnee biyya misoomtee fi naga qabeetti taate ijaaruuf hojjechuu qabnas jedhan, dargaggoonni kunneen.

Raayyaa ittisa biyyaa gama hundaan deeggaruuf qophii ta’uus dubbataniiru.

Qindeessaan Baankii Dhiigaa Jimmaa Obbo Hayidar Umar akka ibsanitti, hawaasni Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiigasaa arjoomuun deeggarsa Raayyaa Ittisa biyyaaf qabu mul’isaa jira.

Sagantaan Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomuu dheengadda eegalee cimee itti fufeeras jedhan.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.