Fana: At a Speed of Life!

Maalaawiitti dorgomaan garee mormituu filannoo mo’ate baallii fudhate

Finfinnee,Waxabajjii 21,2012 (FBC) – Maalaawiitti dorgomaan garee mormituu filannoo mo’ate baallii fudhate

Filannoo seena qabeessa irra deebiin Maalaawwiitti gaggeeffameen garee mormituurraa kan mo’atan Laazaaras Chaakweeraa preezdaantii biyyattii ta’uun kakuu raawwatan.

Maalaawwiitti preezdaantii biyya bulchaa jiru Piiter Mutaarikaa filannoo Kibxata darbe gaggeeffameen % 58.57% akka mo’ate komishiniin filannoo biyyattee Sanbata ture kan ifa godhe.

Filannoo Caamsaa bara Faranjootaa 2019 gaggeeffamee ture Preezdaantiin biyyattii Mutaarikaan mo’adheera jedhanillee Manni Murtii Heera Maalaawwii Guraandhala darbe mootummaan filannicha keessa harka galfateera jechuun kuffiise

Caamsaa bara Faranjootaa 2019 filannoo gaggeefamee irratti Mutharikaa mo’atanii kan turan ta’us, sagaleen hatameera himannaa jedhuun manni murtii heeraa Maalawii bu’aa filannichaa haqeera.

 

Maddi: BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.