Fana: At a Speed of Life!

Maaliin Deenimaark loltoota ishee hatattamaan biyyattii keessaa akka baastu gaafatte

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Maaliin loltoota Deenimaark waliigalteen ala biyyattii keessa  qubachiifaman hatattamaan akka baastu gaafatte.

Mootummaan Maalii loltoota Deenimaark 100 ol ta’an kan waliigaltee malee qubachiifaman hatattamaan akka baafaman gaafateera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Deenimaark gamasaatiin, jalqaba baatii Amajjii 2022 loltoonni 90 ta’an duula farra shororkeessitootaa Awurrooppaatti makamuuf gara Maalii seenuu ibseera.

Loltoonni Deenimaark bara darbe kutaa bulchiinsa Bahaa Maalii Meenaakaa keessatti kan argaman yoo ta’u hanga  bara 2023tti turtii kan taasisan ta’uu ibsamee ture.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.