Fana: At a Speed of Life!

Maallaqni seeraan ala daddabarfamaa ture miiliyoonni 6.7 to’atame

Finfinnee, Hagayya 7, 2014 (FBC) –Naannoo Afaaritti Maallaqni seeraan ala daddabarfamaa ture miiliyoonni 6.7 to’atamuu Poolilisiin Magaalaa Samaraa Loogiyaa beeksiise.

Maallaqichi karaa seeraan alaa waayita daddabarfamaa ture magaalaa Samaraa Loogiyaa iddoo addaa Buufata gogaa jedhamutti to’annoo jala ooluu Ajajaa olaanaan Qajeelcha Poolisii magaalichaa Komaandar Biil’ii Ahimad eeraniiru.

Eeruu ummataa bu’uura godhachuun hordoffii taasiifameen Birriin qaama Konkolaataa keessa dhokfamee darbuuf ture miiliyoonni 6 fi kumni 738 to’atamuu himaniiru.

Konkolaachisaan maallaqicha daddabarsaa ture konkolaataa waliin to’atamuu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.