Fana: At a Speed of Life!

Maanguddoo umurii waggaa 103 shamarree umurii 27 waliin bultii ijaarratan

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Maanguddoon umurii waggaa 103 shamarree umurii waggaa 27 waliin bultii ijaarratan ijoo dubbii ta’aniiru.

Dhiyeenyatti Indooneezhiyaa bulchiinsa Kibba Sulaawaasitti maanguddoon umurii waggaa 103 shamarree umurii waggaa 27 waliin sirna cidhaa ho’aan bultii ijaarrachuun dhaga’ameera.

Suuraan sirnicha agarsiisu miidiyaalee hawaasaarratti gadi lakkifamuun walqabatee hedduun waliif dadabarsaniiru.

Suurichi maanguddoon umurii waggaa 103 shamarree umurii waggaa 27 waliin sirna cidhaa addaa yeroo raawwatan kan agarsiisudha.

Gidduu isaanii garaagarummaan umurii waggaa 76 jiraachuu waliin walqabatee bultii ijaaruun isaani ajaa’iba jechisiisera.

Asiin dura biyyichatti maanguddoon umurii waggaa 76 shamarree umurii waggaa 16 waliin bultii ijaarachuu gabaasichi ibseera.

Maddi:- Oodiitii Sentiraal

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.