Fana: At a Speed of Life!

Maanguddoon lammii Yuukreen du’anii sa’aati 10 booddee lubbuu horatan

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC)-Maanguddoon lammii Yuukreen du’anii sa’aati 10 booddee lubbuu horatan.

Maanguddoon lammii Yuukreen umuriin isaanii 83 ta’e, lubbuun isaanii darbuu ogeeyyiin fayyaa fi poolisiin erga mirkaneessanii sa’aatii 10 booddee lubbuu horatan jedhame.

Maanguddoon kun torbee darbe mana isaaniitti lubbuun kan darban yoo ta’u ogeeyyiin fayyaa fi poolisiin afuura baafachuu akka dhaabanii fi akka lubbuun isaani darbe mirkaneessuun maatiin isaani sirna awwaalchaaf qophii eegalu.

Haata’utii, isa boodde wanti ta’e nama hunda rifaasise.

Maanguddoon du’aniru jedhamee sa’aati 10 booddee luubbuun jiraachuu isaanii mallattoon mul’isan argamuu fi isaa booddee guutummaatti bayyanachuu eegalan.

Ogeessonni fayyaa ta’iin akka kanaa isaan qunnamee akka hin beekne himaniiru.

Dhumarratti maanguddoo kana maaltu akka isaanitti mul’ate yoo gaafatan “Mootummaa waaqatu ture. Abbaa kiyya waamee, asitti argamuun isaaf salphaa akka hin taane gaafachuufan ture, akka wal agarruf yaade, ija kiyya banadhee yoon ilaalu garuu ogeessonni fayyaa uffata adii uffatanii turan. Isaan ammoo ergamoota jedheen yaade. Garuu, isaan ogeessoota fayya turan.” jedhaniiru.

Maddi:- Odiitii seentaraal

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.