Fana: At a Speed of Life!

Maanguddoon umrii waggaa 114 dhibee vaayrasii koroonarraa dandamachuu ibsame

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2012 (FBC) –Maanguddoon umrii waggaa 114 dhukkuba vaayrasii koroonaarraa guutuumaan guutuutti dandamachuun Hospitaala Eekkaa Kootabee ba’uu isaanii ibsame.
 
Maanguddichi yaala dabalataaf Hospitaala Yekkaatiit 12tti kan aragmu ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaan Hospitaalichaa Dooktar Yaareed Agdaw Fuula Feesbuukii isaaniin beeksisaniiru.
 
Maanguddichi yeroo ammaa haala gaariirratti kan argaman ta’uu ibsaniiru.
 
Dooktar Yaareed,bu’aa argameef ogeeyyii fayyaa galateeffataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.