Fana: At a Speed of Life!

Maanguddoon waggoota 50f dhaqna isaanii osoo hin dhiqatiin turan boqotan

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Maanguddoon waggoottan 50 darbaniif dhaqna isaanii osoo hin dhiqatiin jiraatan umrii waggaa 94’tti addunyaa kanarraa du’aan boqochuu gabaafame.

Lammii Iraan kan ta’an Amuu Hajiin waggoottan shantamman darbaniif osoo dhaqna isaaniitti bishaan hin buusiin jiraataniiru.

Maanguddoon kun umrii waggaa 94tti addunyaa kanarraa du’aan boqochuu RTn gabaaseera.

Icitiin dhaqna dhiqachuurraa ofqusachuu Amuu Hajii sodaa dhukkubaarraan kan ka’e ta’uu gabaasichaan ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.