Fana: At a Speed of Life!

Maastar Kaard Faawundeeshiniin Ityoophiyaatti biiznasii sababii weerara vaayrasiitin miidhaman deeggaruufi

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Maastar Kaard Faawundeeshiniin Ityoophiyaatti biiznasii sababii weerara vaayrasiitin miidhaman deeggaruufi.
 
Deeggarsichi kan laatamu hojii qindoominaa Koomiishinii Carraa Hojii Uumuu waliin hojjetamuuni.
 
Deeggarsichi hojiilee maaykiroo fi xixiqqaa weerara vaayrasichaatin miidhaman tumsuuf oola.
 
Tumsi amma Maastar Kaard Faawundeeshiniidhan laatamu Doolaara miiliyoona 24.8.
 
Deeggarsichis carraa hojii cimsuu, hojiilee maayikroo fi xixiqqaa jajjabeessuun diinagdee biyyaa utubuuf kan ooludha jedhameera.
 
Faawundeeshinichi Finfinneetti hojiileen maayikiroo fi xixiqqaan 24,000 akka hin kasaarree fi hin cufamne ni gargaara.
 
Hojjettoonni kuma 50 caalan ammoo carraa hojii akka hin dhaabne tumsa.
 
Dhaabbilee tumsaa waliinis milkaa’ina hojichaatif qindoominaan ni hojjetama jedhameera.
 
Faawundeeshinichi qaama Yaang Afriikaa Woorkis yoo ta’u, waggaa 10tti Afrikaatti dargaggoota miiliyoona 30f, Ityoophiyaatti ammoo miiliyoona 10f carraa hojii uumuu fi diinagdee biyyootaa utubuuf kan hojjetudha.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.