Fana: At a Speed of Life!

Maayaa Muur nama akka mana hidhaatii ba’uuf qabsaa’aaf turte Jonaataan Ayiransitti heerumte

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Kubbaa kachoon addunyaarratti beekamtuu kan taateefi garee WNBA keessa taphachaa kan turte Maayaa Muur nama akka mana hidhaatii ba’uuf qabsaa’aaf turte Jonaataan Ayiransitti heerumte.

Jonaataan Ayiransi himannaa sobaa mana cabsee seenuun yakka raawwachu jedhuun

dogogoraan mana hidhaa ture.

Ayirasni erga dogoggoraan waggaa 23 hidhamee booda Bitootessa keessa erga bilisa jedhamee gadhiifameera.

Muura nama kana hidhaatii baasuuf qalbii guutuudhaan carraaquuf jecha bara Faranjootaa 2019 keessa tapha ittiin gurra horatte dhiistee garee ishee WNBA keessaa baate.

Dhamaatiin isheen hojii ishee itti haarsaa gootes lafatti hin hafne; Jonaataan Ayiransitti mana hidhaatii gadhiifame.

“Ji’oota lama dura walfuune, nuti amma jireenya boqonnaa haaraa kana waliin gammachuudhaan itti fufaa jirra,” jechuun dubartii ganna 31 Muur Gud Moorniing Ameerikaatti dubbatteetti.

Muur bara Faranjootaa 2011 keessa garee Minesootaa Lynx irraa erga filamtee booda, akka isaan marsaa afuriif shaampiyoonaa ta’an gargaaruun bara Faranjootaa 2014 keessa taphattuu hedduu jaallatamtuu (Most Valuable Player (MVP) jedhamteetti.

Muur seenaa WNBA keessatti taphatoota maqaa gaarii hortan keessaa ishee ol-aantuudha.

Muur tapha Olompikii lamaafi tapha Shaampiyoonaa Addunyaa lamaan medaaliyaa warqee argatteettis.

Haata’uti, dirree ispoortii akkasi itti milkoofteefi maqaa gaarii horatte keessaa bara Faranjootaa 2019 gara jalqabaa keessaa baateetti.

Kan kana gochuuf murteessites Jonaataan Ayiransi kan waggoota 12 durarraa kaastee beektu mana hidhaatii baasuuf qabsaa’uudhaaf.

Jonaataan Ayiransi hidhaa waggaa 50n adabamee ture.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.