Fana: At a Speed of Life!

Maayikiroosooft ga’ee Tiiktook Ameerikaan qabdu bituuf marii itti fufuufi

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) – Maayikiroosooft ga’ee Tiiktook Ameerikaan qabdu bituuf marii itti fufuufi.
 
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp appilikeeshiniin Tiiktook Ameerikaatti cufamuu danda’aan akeekkachiisuu isaanitiin ture Maayikiroosooft ga’ee Ameerikaa bituuf marii jalqabee ture kan adda kute.
 
Hogganaan Maayikiroosooft Saatiyaa Naadeelaan marii Traamp waliin taasisaniin booda bittaaf mariin jalqabame kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
 
Traamp gaaffii nageenyaa appilikeeshinicharratti kaasan Maayikiroosooft ilaalcha keessa kan galchu ta’uu hoggantichi ibsaniiru.
 
Dhimma nageenyaa ka’u qulqulleessuun, faayidaa diinagdeef qabu ilaalcha keessa galchuun bittaasaaf kan itti deemamu ta’uu ibsan.
 
Namoonni siyaasaa biyyattii appilikeeshinichi odeeffannoo namoota dhuunfaa dabarsee laachuun, rakkoo nageenyaa qaqqabsiisuu malaan sodaa qaban ibsachaa jiru.
 
Kuusaa Ameerikaa qofa kan fayyadamu taanan rakkoon nageenyaa hin mudatuun Maayikiroosooft ibsaa jira.
 
Tiiktook addunyaarratti maamiltoota miiliyoona 50 kan qabu yoo ta’u, kana keessaa miiliyoonni 80 Ameerikaa qofa keessatti kan argamanidha.
 
Tiiktook miidiyaa hawaasaa yoo ta’u, viidiyoowwan gaggabaaboo qooduuf oolaa jira.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.