Fana: At a Speed of Life!

Madda odeeffannoo ta’uun Inistaagiraam Tiwiitara caalufi

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) – Madda odeeffannoo ta’uun Inistaagiraam Tiwiitara caalufi.

Dameen miidiyaa hawaasaa irra caalatti kan namni suura irratti maxxanfatu, Inistaagiraam yeroo gabaabaa keessatti madda odeessaalee ta’uun tiwiitara caalufi jedhame.

Gabaasni ‘Reuters Institute Digital News’ kan bara Faranjoota 2020 akka gabaasetti Inistaagiraam akka madda odeeffannootti namni itti fayyadamaa jiru erga bara Faranjoota 2018 dachaan dabalaa jira.

Dargaggoonni ammoo qaama hawaasaa waltajjii kana irra caalatti fayyadaman ta’uunis qorannoo Rooyitars kanaan beekameera.

Amanamummaan odeeffannoo miidiyaa hawaasaa garuu ammas gaaffii keessa jira.

Namoota qorannoo Rooyitars kana gaggeessan keessaa adda dureen Niik Niiwmaan, dargaggeeyyiin odeessaalee akkuma salphaatti suura waliin maxxanfamaniif dudduubee gaarii akka laatan dubbatan.

Akka bu’aa qorannoo Rooyitarsitti Inistaagiraam bara Faranjoota 2021 tiwiitara caaluun madda odeeffannoo namoota hedduu ta’a.

Maddi:- BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.