Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti agarsiisni saayinsii fi teeknooloojii baname

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Kaaffee Saayinsii Adaamaatti agarsiisa saayinsii fi teeknooloojii banuu ibsameera.

Agarsiisicha ministeerichi Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun kan qopheessan yoo ta’u, ogeeyyiin kalaqaa naannoo Oromiyaa hojiilee kalaqaa isaanii agarsiisaaf dhiyeessuu eerameera.

Oomishaa fi oomishtummaa guddisuu fi sharafa alaa guddisuuf kalaqni saayinsii fi teeknooloojii ga’ee olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayisaa Badhaadhaan ibsaniiru.

Hojiileen kalaqaa agarsiisicharratti dhiyaatan gara oomishaa fi tajaajilaatti osoo jijjiiramanii teeknooloojii kan ceesisanii fi qabeenya kan uuman ta’uu himaniiru.

Hojiileen kalaqaa kunneen gara hawaasaatti akka gadi bu’aniif hojiimaanni qindaa’aan barbaachisaa ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.