Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti namoonni 766 to’annoo jala oolan

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti namoonni dhorkama labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii konoonaa ittisuuf ba’e darban 766 to’annoo jala oolan.
 
Namoonni dhuunfaan to’annoo jala oolan dhorkama labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba;e darbuu isaaniin ta’uu miseensi Koree taaks foorsii fi ogeessi koomiinikeeshinii qajeelcha Poolisii magaala Adaamaa gargaaraan Inispeektara Warqinash Galmeechaa himaniiru.
 
Namoonni iddoo garaagaraatti haguuggii afaanii malee iddoo tokkotti waliiti qabamanii argaman 766 to’annoo jala oolaniiru jedhan.
 
Namoonni manneen amantaa, mana Jimaa, mana dhugaatii, mana puulii, naannoo geejjibaa fi gabaatti haguuggii afaanii malee yeroo socho’an argaman to’atamuu ibsaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.