Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Aksuumiin ilaalchisee gabaasni Aminstii Intarnaashinaal baasee maddii odeeffannoo fayyadamee haqaa fiduuf hin fayyaduu-Ministeera Dhimmaa

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC)- Magaalaa Aksuumiin ilaalchisee gabaasni Aminstii Intarnaashinaal baasee maddii odeeffannoo fayyadamee haqaa fiduuf hin fayyaduu jechuun Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
Dhaabbatichi madda odeeffannoof kan fayyadamee namoonni buufata da’oo baqattootaa Sudaan Bahaa jiran akkasumaas jiraattoota magaalaa Aksuum muraasa waliin af-gaaffii bilbilaan taasisee odeeffannoo ga’aa akka hin taanee eerrameera.
Gabaasa Aminstii Intarnaashinaal baasee ilaalchisee Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen gareen ABUT baatii Sadaasa 4, 2013 raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa qabsiiseen naannoo Tigraayitti seerrii cabuu fi alseerruummaa qaqqabeera jedhe.
Gareen ABUT raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa qaqqabsiisuun hordofeen naannichaatti alseerrummaa qaqqabuu ibsameera.
Mootummaan naannoo Tigraayitti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatee kayyoon isaa naannichaa keessaatti seeraa kabachiisuu fi yakkamaa seeraatti dhiyeessufi kan jedhe ibsichi, duula yakkamtoota seeraatti dhiyeessuutiin siiviilootaa fi dhaabbilee siiviliirraa dhiibbaan akka hin qaqqabneef of eeggannoo ga’aan taasifamuu ibseera.
Naannoo Tigraayitti keessaayu magaalaa Aksuumitti haleellaan qaqqabeera jedhamee fi taateewwan biroo dabalatee dhittan mirga namoomaa qaqqabeera jedhamee dhimmoota bayyee yaaddeessaa ta’uusaanii kan eeree ibsichi, kanaafis mootummaan qorannoo barbaachisaa taasisuu fi yakkamtoonni seeraan akka gaafataman taasisuuf murannoo qabachuu ibsameera.
Haleella Maayikaadiraatti raawwatamee bifa walfakkataan magaalaa Aksuumitti yakki raawwatameera jedhame gadi fageenyaa qoratamuu qaba jedhameera.
Hojii qorannichaa gaggeessuuf gareen Mana Murtii Waligalaa Federaalaa fi Koomishinii Poolisii Federaalaarra walitti babba’aan gara naannoo Tigraayii imaluu ibsameera.
Maayikaadiraatti haleellaan namoota nagaarratti raawwatameen haleellicharratti kan hirmaatan namoonni 36 mana murtii federaalaa sadarkaa jalqabaatti dhiyaachuu isaanii kan yaadatamuu ta’uu Ministeerri Dhimmi Alaa beeksiseera.
Komiishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa dhimmoota mirga namoomaarratti qorannoo taasisaa turee fi gabaasa dhiyeessaa turuu isaan kan himee ibsichi, bu’aan qorannoo komiishinichaa dhiyeenyatti uummatoota Ityoophiyaa fi idil addunyaaf ni ifoomaa jedheera.
Taateewwan magaalaa Aksumiitti raawwatamaan waliin walqabsiisee himataa dhiyaateerratti gabaasa Aminstii Intarnaashinaal har’a baaseen kan hordoofee ibsichi, gabaasichi baayyee yaadeessaa ta’uu dhimmicha qoraachuusa ibseera.
Haa ta’uu gabaasa dhiyaatee baqattoota Sudaan bahaatti argamaniin kan walitti qabamee odeeffannichii fi namoota dhuunfa Aksuum jiraataan waliin af-gaffii bilbilaan taasiseerratti hunda’eeti.
Fakkenyaafis gabaasa Aminstii Intarnaashinaal madda odeeffannoo eeree keessaa inni tokkoo Qeesii osoo hin taanee nama dhuunfaa Boostaan jiraatuu ta’uu ibsameera.
Kanaafis gabaasni maddoota akka kanaarratti hundaa’ee kayyoo haqaa fiduuf kan hin fayyanneedha jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.