Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Asallaatti proojaktiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona dhibba 8 oliin hojjetamuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) –
Biiroon Qabeenya Bishaan, Albuudaa fi Iinarjii Oromiyaa rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu Magaalaa Asallaa furuuf proojaktii bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 50n hojjisiisuu eegale.
 
Magaalaan Asallaa yeroo ammaa rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu hamaataa keessa jiraachutu ibsame.
 
Magaalattiin proojaktii bishaan dhugaatii waggoota 20 dura hojjetameerra bishaan dhugaatii tajaajilamaa jiraattus sababa baayy’inni ummataa daraan dabaleef hanqinni uummamu ibsameera.
 
Hanqinni bishaan dhugaatii qulqulluu kun rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uun hawaasa magaalichaa yeroo dheeraf komachiisaa turu isaa himameera.
 
Ijaarsi isaa turtii waggaa 2-3 keessatti xumuramuun tajaajilaaf akka qophaa’u xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu biirichi beeksiseera.
 
Proojaktichi boolla gadi fagoo 8 kan qabu ta’uus ibsameera.
 
Akka OBN gabaasetti, proojaktiin kun aanaalee ollaa magaalichaa lama dabalatee jiraattoota kuma dhiba 3f tajaajila laachuu haala danda’uun hojjetamaa jiraachuu Bulchiinsi magaalaa Asallaa ibseera.
 
Ijaarsi eegalame yeroo kaa’ameef keessatti akka xumuramuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamu ta’uu Kaantibaan Magaalichaa obbo Gabree Urgeesssoo himaniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.