Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Bishaan Gurraachaatti filannoo boru gaggeeffamuuf qophiin xuramu himame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Magaalaa Bishaan Gurraachaatti filannoo boru gaggeeffamuuf buufataaleen filannoo qophii ta’uu ibsameera.
Qindeessaan buufata filannoo B magaalattii Obbo Woliiyaad Bilaal filannichi haala gaariin gaggeeffamuu akka danda’uuf iddoowwan filannoo filattootaaf mijataa ta’e qopheessuusaanii dubbataniiru.
Filannichi qajeelfama vaayrasii koroonaa eegee akka gaggeeffamuuf saanitaayizarii fi bishaan qophaa’uus himaniiru.
Meeshaaleen filannoodhaaf barbaachisanis naannoo Filannoo Shaashamannee irraa galanii yeroo ammaa qophaa’anii jiru jedhan.
Filannichi nagaan akka gaggeeffamuuf qaamni nageenyaas hawaasa magaalattii waliin ta’uun qophii barbaachisu taasiisuu ibsameera.
Hawaasni kaardii filannoo fudhate sagalee isaa akka laatu hojiin kakaasuu hojjatamuu obbo Woliiyaad Bilaal himaniiru.
Magaalaa Bishaan Gurraachaatti buufataaleen filannoo lamarratti filattoonni kumni 3 kaardii filannoo fudhatan filannoof qophii ta’uu himameera.
Biqilaa Tufaatu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.