Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Bulee Horaatti hoteelli abbaa urjii shanii ijaarramuufi

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC)- Magaalaa Bulee Horaatti hoteelli abbaa urjii shanii ijaarramuuf wal harkaa fuudhinsi lafaa fi agarsiifni dizaaynii gaggeeffameera.

Bulchiinsi magaalaa Bulee Horaa guddina tuuriizimii hoteelotaarratti hojjechaa akka jiruibsameera.

Abbaan qabeenyaa obbo Woddeessaa Yaachis hoteela abbaa urjii shanii ijaaruuf bulchiinsa magaalicharra eeyyama argachuu ibsameera.

Ijaarsi hoteelichaas Birrii miiliyoona 200 kan ijaarramu yoo ta’uu, lafa kaaree meetira 10,000 irratti akka ijaarramu eerameera.

Wayita ijaarsi hoteelicha eegalu namoota 500 oliif carraan hojii dhaabbii fi yeroo ni uumama jedhameera.

Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa obbo Gammadaa Shaffeessaa,abbootii qabeenyaa hojii turizimii hoteelotaarrattti hirmaachuu barbaadaniifis magaalaan Bulee Horaa haala mijataa akka uumte ibsu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa magaalaa Bulee Hooraarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.