Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirree Dawaatti Vaayrasiin Koroonaa saffisaan tatamsa’aa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Magaalaa Dirree Dawaatti weerarri Vaayrasii Koroonaa saffisaan tatamsa’aa jiraachuun Biiroon Eeggumsa Fayyaa magaalichaa beeksiise.
Magaalichatti yeroo dhiyoo as vaayrasiin kun haala yaaddessaa ta’een tatamsa’aa jiraachuu Biirichi ibseera.
Namoota guyyaan qorannoon taasiifamuuf keessaa % 20 irratti vaayrasichi argamaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Eeggumsa Fayyaa magaalaa Dirree Dawaa Aadde Lamlam Bazzaabbihi ibsaniiru.
Dagannaan muul’atu weerarichi daraan akka babal’atuuf sababa olaanaa ta’uu kaasaniiru.
Magaalaa Dirree Dawaatti erga weerarichi muul’atee namoota kuma 5 fi 818 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni 91 lubbuu dhabuu ibsameera.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.