Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinnee baatii Sadaasa darbe galiin Birrii biiliyoona 2.83 walitti qabame

 

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Biiroon Galiiwwan magaalaa Finfinnee baatii Sadaasa darbe galii Birrii biiliyoona 2.83 walitti qabu beeksise.

Biirichi baatii Adooleessa 1, 2012 hanga Sadaasa 30, 2013tti galii Birrii biiliyoona 21.4 ol walitti qabuf karoorseen Birrii biiliyoona 20 ol walitti qabu ibseera.

Karooraa isaas %93.45 raawwachiu ibsameera.

Biirichi baatii Sadaasa qofatti galii Birrii biiliyoona 2.77 walitti qabuuf karoorseen Birrii biiliyoona 2.83 walitti qabuun raawwiin karooricha %102 galmaan ga’eera.

Raawwichi kan bara darbee yeroo wal fakkataan wal bira qabamee yoo ilaallamu Birrii biiliyoona 1.15 ykn %6.1 caalmaa akka qabu ibsameera.

Magaalaa Finfinneetti bara baajatichan baatiwwan 5 keessaatti galii waliitti qabamuuf karoorfamee keessaa waliigala %47.24 walitti qabamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.