Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Liddataatti Boombii dhoheen lubbuun namoota 2 darbe

Finfinnee, Eebila 10, 2013 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Liddataatti Boombii dhoheen lubbuun namoota 2 darbuu Komishiniin Poolisii magaalichaa beeksiise.

Guyyaa har’aa naannoo sa’aatii 8:00 kutaa magaalaa Liddataa aanaa 6 fuldura Meetirooloojii biyyaalessaa lafa misoomaaf qophaa’eraatti dhoo’iinsa Boombii muudateen lubbuun namoota 2 yoo darbu, nama 1 irra miidhaa cimaan qaqqabuu ibsameera.

Eenyummaa namoota miidhamanii fi sababni dhoo’insichaa qoratamaa jiraachuu qajeelchi Poolisii kutaa magaalaa Liddataa ifoomseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.