Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti hojiirra Oolmaa barnoota sirna Gadaa ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC ) – Magaalaa Finfinneetti hojiirra Oolmaa barnoota sirna barnootaa waliigalaa Afaan Oromoo fi barnoota Gadaa ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffameera.
Biiroo Bulchiinsa Magalaa Finfinneetti Daayreektooreetii qophii fi hojiirra oolmaa sirna barnoota waliigalaa Afaan Oromoo fi barnoota Gadaa ilaalchisuun hoggantoota manneen Barnootaa fi supparvaayizaroota waliin mariin gaggeeffameera.
Barnootni sirna Gadaa manneen barnootaa Afaan Oromootiin kennamaa jiru keessatti barsiifama jiraachuu Itti aana Hogganaan Biiroo Barnootaa magaalaaFinfinnee obboo Biranuu Tashoomaa ibsaniiru.
Kitaabni barataa kutaa 1-8 qophaa’ee raabsamuu fi barsiisonni barnoota Gadaa barsiisan ramadamuu himaniiru.
Biiroo Bulchiinsa Magalaa Finfinneetti Daryeektarri Daayreektooreetii qophii fi hojiirra oolmaa sirna Barnoota waliigalaa Afaan Oromoo fi Supparvizyinii obboo Roobii Waamii gama isaaniin manneen barnoota Afaan Oromoon barsiisan keessatti barnootni Gadaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti jiran keessatti Amajjii 17 irra jalqabee kennamuu eegaluu himaniiru.
Maricha irratti qaamoleen dhimmi ilaallatu Ogeeyyiin barnootaa Biiroo Barnoota magaalaa Finfinnee ,Abbootiin Adeemsaa kutaa magalaa qophii fi hojirra oolmaa sirna Barnoota Waligalaa Afaan Oromoo ,Supparvaayizaroonni kutaa Magalaa,Supparvaayizaroota Wiirtuu gurmuu Manneen Barnootaa fi daayreektaroonni Manneen Barnootaa Sad.1ffaa hirmaachuu isaanii ragaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.