Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti kan argaman projaktoonni ijaarsa daandii akka hin harkifamnee fi rakkinoota daangaa kabachiisuu irratti hooggansi ciminaan hojjechuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti kan argaman projaktoonni ijaarsa daandii akka hin harkifamnee fi rakkinoota daangaa kabachiisuu irratti hooggansi ciminaan hojjechuu akka qabu ibsame.

Dhimmoota rakkina daanga kabachisuun waliin walqabatee hojii raawwachiiftoota olaanoo kutaalee magaalaa fi qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin mariin gaggeeffameera.

Maricha irratti kan argaman Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay hooggansi gara kaafamtoota misoomatti dhiyaachuun rakkinoota wayiticha furuun projaktoonni ijaarsa daandii yeroo qabametti akka xumuramuuf ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhaniiru.

daayreekatarri olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Magaalaa Finfinnee Injiinar Mogas hojiiwwan daangaa kabachiisuu xiyyeeffannoon yoo hin hojjetamne projatoonni ijaarsa daandii yeroo yaadametti xumuramu dhiisuu maluu jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.