Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti Kilaash Kooviin 10 qoraan keessa dhokfamuun mana duuba ture to’atame

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Kilaash Kooviin 10 qoraan keessa dhokfamuun mana duuba ture to’atamuu Poolisiin magaalichaa ibseera.

Eeruu argame bu’uura godhachuun hordoffii Poolisiin magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo biyyaalessaa waloon taasisaniin Kilaash Kooviin 10 qoraan keessa dhokfamuun mana duuba ture to’atamuu danda’eera jedhame.

Meeshaaleen waraanaa kun Kutaa magaalaa Boolee aanaa 12 iddoo addaa bakka awwaalcha ce’umsa Aabboo duuba jedhamutti mana jireenyaa nama dhuunfaa keessatti to’atamuu himameera.

Dhimmichaan walqabatee shakkamaan to’annoo jala ooluun qoratamaa jiraachuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.