Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 1082 ga’e

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi namoota vaayrasii koroona qabamanii 1,082 ga’uu Biiroon Fayyaa magaalichaa beeksiseera.
 
Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 126 irratti vaayrasiin koroonaa argamu Biirichi beeksiseera.
 
Namoonni 14 tuttuqaa qabu.
 
Namoonni 4 seenaa imala alaa qabu.
 
Namoonni 108 seenaa imalaas ta’ee tuttuqaa hin qaban.
 
Magaalichaatti namoota guyyaa har’aa vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkaanaa’e keessaa 47 jiraattoota kutaa bulchiinsa magaalaa Addis Katamaa ta’uu biirichi ibseera.
 
Namoonni 8 Liddataa, namoonni 14 Kolfee Qaraaniyoo, namoonni 10 Gullallee, namoonni 11 Boolee, namoonni 6 Araadaa, namoonni 6 Eekkaa, namoonni 4 Nifaas Silki Laaftoo, namoonni 10 Qiirqoos, namoonni 7 Aqaaqii Qaallittii ta’uu isaanii ibsameera.
 
Naannoo Gabaa Markaatoo fi Buufata Konkolaataatti of eeggannoo cimaan akka barbaachisu himameera.
 
Oduu walfakkaatuun sadarkaa naannoo oromiyaattis sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 314 hojjetameen namoota 7 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’eera.
 
Namoonni 3 magaalaa Burraayyu, namoonni 2 magaalaa Adaamaa,namni 1 Jimmaa fi namni 1 ammoo Shawaa Lixaa ta’uu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksiseera.
 
Hundinuu seenaa imalaa fi tuttuqaa hin qaban.
 
Hanga ammaatti akka naannoo Oromiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 90 ga’aniiru.
 
Naannichatti hanga ammaatti namoota kuma 8 fi 340f qorannaan laabraatoorii gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.