Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 3545 ga’e

Finfinnee,Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 177 vaayrasii koroonaatin qabamuu Biiroon Fayyaa magaalichaa beeksise.

Namoonni 111 jiraattoota magaalichaa,53 namoota godaansarraa deebi’uun tursa dirqii keessa turan, 10 lammiilee alaa, 3 ammoo lammiilee alaa dhalootaan Ityoophiyaa ta’an ta’uu biirichi ifoomseera.

Namoota 111 keessaa 26 Liddataa, 11 Gullallee, 24 Addis Katamaa, 12 Kolfee Qaraaniyoo,9 Araadaa, 7 Aqaaqii Qaallittii, 6 Qiirqoos, 4 Eekkaa , 4 Nifaas Siilk Laaftoo 4 Boolee yoo ta’n teessoon namoota 4 ammoo qoratamaa jiraachuu ibsameera.

Namoonni haaraan 123 dandamataniir.

Namoonni 7 ammoo lubbuun darbaniiru.

Waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 3545 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.