Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti mariin haala yeroo biyyaalessaarratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 23, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti mariin haala yeroo biyyaalessaarratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Marichi Kantiibaa Magaalichaa Aadde Adaanach Abeebeefi Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin gaggeeffamuu eerameera.

Marichi jijjiiramaan booda hojiilee magaalichi milkeesse, faayidaalee isaaniifi rakkoolee mudatanii turan akkaataa furuun danda’amurratti xiyyeeffachuu ibsameera.

Magaalichatti piroojektoota gurguddoo hedduu ijaaruun maqaa gaarii magaalichaa ijaaruurra darbee hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffataniin rakkoolee uummataa salphisuun bu’aan galmaa’uu aadde Adaanach kaasaniiru.

Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi gamasaaniin, ilaalcha finxaalessummaa farra badhaadhinaa ta’erratti qabsaa’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo qaala’iinsa jireenyaan walqabatee magaalichatti mul’atu furuuf hojiilee oomishtummaa guddisuu danda’an hojjetamuu akka qabaniifi qooda fudhattoonni diinagdee gaheesaanii akka ba’ataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan Waajjira Kantibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.