Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti weerarri vaayrasii koroonaa sadarkaa yaaddessaarra ga’uun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti weerarri vaayrasii koroonaa sadarkaa yaaddessaarra ga’uu Biiiroon Fayyaa magaalichaa beeksise.

Magaalichaatti namoonni vaayrasichaan qabaman 552 qaqqabaniiru.

Guyyaa kaleessaa qofa sa’aa 24 keessatti namoonni 94 vaayrasichaan qabamuu isaanii biirichi beeksiseera.

Namoota dhibichaan qabaman keessaa namoonni 237 kanneen tuttuqaa fi seenaa imalaa hin qabne ta’uu iibsameera.

Haalli kun dhibichi bal’inaan hawaasa keessa galuu isaa kan agarsiisu akka ta’e biirichi ibseera.

Keessaattuu naannoo Buufata konkolaataa fi gabaa markaatootti of eeggannoo cimaan akka barbaachisu himameera.

Magaalichatti guyyaa kaleessaa namoota dhibichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e keessaa namoonni 59 jiraattoota kutaa bulchiinsa magaalaa Addis Katamaa, namoonni 11 Liddata, namoonni 7 Kolfee Qaraaniyoo, namoonni 6 Boolee, namoonni 3 Qiirqoos, namoonni  2 Nifaas Silk Laaftoo, namoonni 4 Gullallee fi  namoonni 2 Araadaa ta’uu isaanii Biiroon Fayyaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Ityoophiyaatti hanga ammaatti namoota dhibichaan qabaman 831 keessaa namoonni 191 yoo dandamatan, namoonni 7 ammoo lubbuun darbaniiru.

Addunyaarratti hanga guyyaa kanaatti namoonni miiliyoonni 5 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 9 qabamaniiru.

Namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 62 ol du’aniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.