Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti wiirtuu to’annoo tiraafika ammayyaa’a ijaaruuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baasii Birrii Miiliyoona 800 fi miiliyoonaa 31 wiirtuu to’annoo tiraafika ammayyaa’a ijaaruuf Dhaabbata Kominikeeshinii fi Konistiraakshinii Chaayinaa /CCCC/ waliin waliigalteen mallattaa’e.
 
Waliigaltichi Biiroo Bulchiinsa Konistiraakshinii magalaa Finfinnee fi Dhaabbata Kominikeeshinii fi Konistiraakshinii Chaayinaa gidduutti mallattaa’eera.
 
Wiirtichi ragaawwaan tiraafikaa sassaabuu, ifaawwan tiraafikaa fi turtii yeroo kan jijjiruu fi hojiiwwaan tarkaanfiwwan garagaraa akka fudhatu ni taasisa jedhame.
 
Dabalataniis konkolaachistoonni haala tiraafika daandii dursanii akka beekanii fi dandii biroo akka filataniif raga kennuu, konkolaachistoota seera tiraafika cabsaan adda baasuu akkasumas ragaawwaan nageenyaa fi balaa tiraafikaa qaama ilaaluuf yeroo ni gabaasa.
 
Proojaktichi xumuramuun tajaajilaaf si’a ga’u balaan tiraafikaa magaalichatti muldhatu ni fooyya’a jedhameera.
 
Wiirtichi baatii 18 keessatti ijaarsi isaa akka xumuramu eerameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.