Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa guddittii Hindii Newuu Dalhiitti sababa faallama qilleensaan dhaabbileen barnootaa akka cufamu murtaa’e

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Magaalaa guddittii Hindii Newuu Dalhiitti sababa faallama qilleensaan manneen barnootaa fi Koollejjoonni akka cufaman murtaa’uu ibsameera.

Hojjettoonni ijaarsaa yeroof hojii ijaarsaa kamiiyyuu akka dhaaban ajejni darbeera.

Maddeen anniisaa cilee biyyattiitti argaman gurguddoo 10 keessaa 5n qofti hojii akka itti fufan murtaa’uu ibsameera.

Aarri Indaastiriiwwan keessa ba’u, dhukkee fi kanneen biroo Dalhiin addunyaarraa qulqullina qilleensaan sadarkaa gadi aanaarra akka teessu taasiisuu ibsameera.

Magaalittiitti Richiitiwwan Bara Haaraaf dhukaafaman qilleensa Faaluu keessatti qooda olaanaa qabaachuu himameera.

Hinditti sababa faallama qilleensaan qofa rakkaa fayyaa muudatuun waggaa waggaan namoonni hedduun lubbuu kan dhaban ta’uu ibsameera.

Maddi:- BBC

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.