Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti namoonni sanada sobaa qopheessuun shakkaman harkaaf harkatti too’ataman

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti sanadoota sobaa tajaajila garaagaraaf oolan qopheessuun namooni shakkaman harkaaf harkatti too’atamuu Qajeelchi Poolisii magaalichaa beeksise.
Shakkamtoonni kunneen sanadoota sobaa 150 waliin harkaaf harkatti too’atamaniiru.
Eeruu ummatarraa argameen sakattoo ganda Bachoo Booree mana jireenyaa keessatti taasiifameen meeshaalee sanadoota ragaa sobaa qopheessuuf itti tajaajilamaa turan waliin too’atamuu ibsameera.
Ragaan muuxxannoo hojii, barnootaa, waraqaan ragaa, waraqaan eenyummaa fi eeyyamni daldalaa sanadoota sobaa kana keessatti argamu jedhame.
Maddi:- TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.