Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Maqalee dabalatee tajaajjilli jijjiirraa noottii birrii haaraa magaaloota naannichaa keessatti guyyoota 14f gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) – Magaalaa Maqalee dabalatee tajaajjilli jijjiirraa noottii birrii haaraa magaaloota naannichaa keessatti guyyoota 14f gaggeeffamaa ture xumuramuu Baankiin Biyyaaleesaa Ityoophiyaa beeksiise.
Naannoo Tigraayitti sababa olaantummaa seeraa kabaachisuun hojiin Birrii jijjiiruu adda citee ture Muddee 21, 2013 irraa eegalee guyyoota 14’f dheerate akka ture, Baankiin Biyyaaleesaa Ityoophiyaa yaadachiseera.
Akkaata raawwii jijjirraa maallaqaa hanga ammaatiin yeroon dheerate tokkoon tokkoon dameewwan baankiif kan kenname ta’uun hafee magaaloota naannichaa tokkoo tokkoof akka ta’uu taasifameera.
Haluma kanaan guyyaa har’aa irraa jalqabee Tigraayi Magaalota tokkootti baankiin tajaajila jalqaban guyyaa dameen baankiichaa tajaajila jalqabeerraa kaasee guyyoota 14 akka ta’uu himameera.
Dameewwan baankoota turanii tajaajila jalqaban magaalatitti maallaaqaa moofaa jijjiiruu kan danda’an yeroo jedhame keessatti qofa ta’uu ibsameera.
Kanaaf Maqaalee dabalatee magaaloota Tigraay tajaajilli jijjirraa maallaqaa erga jalqaee guyyaa 14f tajaajila laataa ture har’a adda citeera.
Hawaasni magaalaa naannichaa kamiyyuu keessatti argaman dameewwan baankii guyyoota 14 dhufan keessa tajaajila laatanitti dhiyaachuun jijjirraa maallaqaa raawwachuu akka danda’an Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa hubachiseera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.