Fana: At a Speed of Life!

Mooxaatti miidhaa dhaabbilee amantaarratti ga’een hoggantoonni addaddaa to’ataman

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Magaalaa Mooxaatti Muddee 10, 2012 gubachuu dhaabbilee amantaarra qaqqabeen walqabatee hoggantoonni hojii addaddaa to’atamaniiru.

Naannoo Amaaraa godina Goojjam Baha magaalaa Mooxaatti masjiidonnii fi manneen daldalaa gubachuun, qabeenyi saamameera.

Gochaa raawwateen hoggantoonni hojii addaddaarra jiran gochichaan walqabatee shakkamanii to’annoo jala ooluu qajeelchi poolisii godina Goojjam Bahaa ibseera.

Itti gaafatamaan qajeelchichaa Inispeektar Ayyaalnah Tasfaayen akka himanitti, itti gaafatamaan waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Mooxaa, ittigaafatamaan ittisa yakkaa poolisii, itti gaafatamaan waajjira milishaa fi ittigaafatamaan bobbii milishaa to’annaa jala oolaniiru.

Shakkamtoonni to’annoo jala oolan wayita gochi kun raawwatu badiin otuu hin qaqqabin to’achuu otuu danda’anii itti gaafatamummaa isaanii ba’achuu dhabuun to’annaa jala oolu Amaaraa Maas Miidiyaan gabaasera.

Dhimma kanaan walqabatee shakkamtoonni 33 to’annoo jala ooluun beellamarra kan jiraan yoo ta’u, shakkamtoonni 35 ammoo qorannoon erga irratti taasifameen booda wabiin gadi dhiifamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.