Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Naqamteetti sagantaan wabii nyaataa fi fooyya’insa jireenyaa namoota kuma 2 ol fayyadamtoota taasisu baname

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Magaalaa Naqamteetti sagantaan wabii nyaataa fi fooyya’insa jireenyaa namoota kuma 2fi 319 fayyadamtoota taasisu guyyaa har’aa banameera.

Namoonni sagantichaan haammataman namoota sarara hiyyumaa gadi jiraatan ta’uu hojii gaggeessaan Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee obbo Mangashaa Akkayyuu sirna baniinsa sagantichaarratti iobsaniiru.

Sagantaa kanaan marsaa sadiitti namoota kuma 9 fi 277 hirmaachisuuf karoorfamee marsaa jalqabaa kanaan namoota kuma 2 fi 319 hirmaachisuun danda’amuu ibsameera.

Sagantichaan hojii bara kana hojjetamuuf Birriin Miliyoona 15 fi kuma dhibba 9 fi kuma 58 ramadamuu eeraniiru.

Baajatni  kun walta’insa Mootummaa fi Baankii Addunyaa irra kan argame ta’uu ibsaniiru.

Namoonni carraa Itti fayyadama sagantichaa argatan hojii irratti ijaaraman seeraan hojjechaa nageenya naannoo isaanii eeggachaa jireenya isaanii fooyyeffattanii hiyyummaa keessaa ba’uu akka qaban Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Toleeraa Raggaasaa dhaamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Naqamteerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.