Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sabbataatti dhaabbanni waarshaa Arbaaminch mana barumsaa Roggee Gooroof teessoo barattootaa 250 hojjachisuun gumaache

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Magaalaa Sabbataatti dhaabbanni waarshaa Arbaaminch mana barumsaa Roggee Gooroof teessoo barattootaa 250 hojjachisuun gumaache.

Magaalaa Sabbataatti dhaabbanni waarshaa Arbaaminch gaaffii Abbootiin gadaa magaalichaa fi Ummanni gaafateen mana barumsaa Roggee Gooroof teessoo barattootaa 250 hojjechisuun gumaacheera.

Teessoo tokkichi qarshii kuma Sadiin kan hojjatame yemmuu ta’u waliigalattii Birri kuma 700 oliin hojjatameera.

Hoogganaan Waajjira Barnootaa magaalaa Sabbataa obbo Alamuu Ittichaa dhaabbaticha galateeffachuun, gara fuulduraattiis deeggarsi isaanii akka itti fufu qabu gaafatan.

Hoogganaan Waajjira Kantiibaa magaalaa Sabbataa obbo Agaaganyoow Fiqiruu dureeyyoonni magaalaa Sabbataa Uummata magaalichaaf deeggarsa guddaa taasisaa akka jiru eerun, dhaabbanni Arbaminchis hojii kana milkeessuu kaasaniiru.

Akka waajjirri kominikeeshinii magaalaa Sabbataa beeksiseetti ummanni naannichaas dhaabbatichaa akka qabeenya ofiitti tiksuu akka qaban dhaamaniru.

Ummanni gandichaas deeggarsa argataniif gammaduu himaniru.

Dhaabbatichiis yeroo rakkoo kamiyyuu Ummata cinaa dhaabbachuuf qophii tahuu himaniru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.