Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaashamanneetti meeshaaleen kontorobaandii, baalli sammuu namaa adoochuu fi meeshaaleen ashiishii gubaman

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2014 (FBC)- Bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti meeshaaleen kontorobaandii, baalli namaa sammuu adoochuu fi meeshaaleen ashiishii to’annaa jala ooluu qajeelchi poolisii beeksise.

Qajeelcha Poolisii Magaalichaatti Itti gaafatamaan waajjira poolisii aanaa 1ffaa komaandar Naggaa Ajjamaa, sakatta’iinsaa fi hordoffii marsaa sadiin gaggeeffameen meeshaalee fi oomishoonni seeraan alaa kunneen to’annaa jala oolu ibsaniiru.

Hawaasnii fi qaamoleen nageenyaa waliin qindoomuun baala sammuu adoochu kiiloo giraama 345, meeshaalee Ashiishii 300, zayita yeroon irra darbe liitira 180,  barbaree waan biraan walitti makame kuntaalli 4, qoricha farra aramaa yeroon irra darbeef seeraan alaa liitirri 70 fi Sukkaaraa fi ashaboon kuntaalli afur walitti makamee maqaa sukkaaraan gurguramaa ture too’annoo jala ooluu danda’eera jedhan.

Komaandar Naggaan akka himanitti waliigala oomishaaleen seeraan alaa kunneen Birrii miiliyoona 6 kan tilmaaman yoo ta’u guyyaa har’aa dhabamsiifamaniiru.

Namoonni baala sammuu adoochuu fi oomishaalee yeroon irra darbe gabaaf dhiheessaa turuun shakkaman miliqanis hordoffii qaama poolisii jala jiru jedhani.

Waajjirri poolisii aanaa 2ffaa meeshaalee ashiishii ittin xuuxamu 220 ol dhabamsiisera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa Inspeektara Ol’aanaa Warqinah Sakkuu, too’annoo meeshaalee seeraan alaa kanaaf hawaasni tumsa olaanaa gumaachaa ture akka itti fufu gaafataniiru.

Jamaal Kadiirotu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.