Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shashamanneetti uffataaleen gosti garaagaraa fi kopheewwan adda addaa mana jireenyaa nama dhuunfaa keessatti too’atame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2013 (FBC) – Qajeelchi poolisii bulchiinsa magaalaa Shaashamannee uffataalee gosa garagaraa fi kopheewwan adda addaa mana jireenya nama dhuunfaa keessatti too’achuu beeksise.
Qajeelcha poolisii magaalichaatti waajjirri poolisii aanaa 2ffaa eeruu hawaasaa fi sakatta’iinsa qaama nageenyaatiin meeshaalee seeraan alaa fi kontiroobaandii to’ochuu himameera.
Ajajaan Waajjirichaa Saajin Hayilee Alamuu uffata boondaa 82, shiita yookaa diriyaa kuntaala 1 fi kopheewwan garagaraa mana jireenya nama dhuunfaa keessatti kuufamanii argamuu himaniiru.
Kopheen gosa garagaraa 139 fi shiita yookaa diriyaa kuntaalli tokko qeenxeen 55 ta’uus ibsaniiru.
Meeshaaleen kunneen bulchiinsa magaalichaa ganda Awaashootti mana nama dhuunfaa keessatti too’amuu eerrameera.
Meeshaaleen Kontiroobaandiin waliigala kuma dhibba 7 fi kuma 64 fi olitti kan tilmaamamu ta’uu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.