Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Teeksaasitti shakkamaan umrii waggaa 18 dhukaasa baneen daa’imman 19 fi ga’eessota 2 ajjeese

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Ameerikaa magaalaa Teeksaasitti shakkamaan umrii waggaa 18 dhukaasa baneen daa’imman 19 fi ga’eessota 2 ajjeesuu gabaafameera.

Shakkamichi dhukaasa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Roob jedhamu daa’imman umriin isaanii waggaa 7-10 ta’an barsiisu keessatti baneen daa’imman 19 fi ga’eessota 2 ajjeesuu dhaga’ameera.

Shakkamichi barataa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa naannawaa mana barumsichaatti argamuu ta’uu akka hin hafnee fi kanaan duras ajjeechaa akkoo isaatiin shakkamaa akka ture gabaasaaleen eeraniiru.

Shakkamtichi qaamolee nageenyaan ajjeefamuu fi wayita haleellichi raawwatu Shuguxii tokkoo fi rasaasa atoomaatikii AR-15 jedhamu harkatti qabatee akka ture barattoonni dubbachuu BBCn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.