Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Aksumii fi Shireetti tajaajilli elektirikaa eegale

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (FBC ) – Magaalaa Adwaa dabalataan Aksumii fi Shireetti tajaajilli elektirikaa eegaluu Tajaajjilli Humna Elektirikii Ityoophiyaa beeksiseera.

Naannoo Tigraayitti juuntaadhan miidhaan irra ga’ee kan ture sararrii elektirikaa magaalaa Adwaa,Aksumii fi Shireetti kaleessa tajaajila laachuu eegaleera.

Magaalonni Umaraa fi Walqaayit tajaajila Elektirikaa akka argataniif tattaaffii olaanaan taasiifamaa jiraachuu ibsameera.

Bu’uraalee misooma suphuuf mootummaan federaalaa tattaaffii taasiseen naannoo Tigraayitti idoowwan hedduun tajaajila humna elektirikaa argachuu ragaan Tajaajila Humna Elektirikaarraa argame ni muul’isa.

Haala rakkisaa keessatti hojjettoonni tajaajila humna Elektirikaa itti gaafatamummaa fudhachuun hojii suphaa gaggeessaa jiraachuu hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa obbo Ashabbir Baalchaan ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.