Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Ambootti lammiilee harka qaleeyyii 260 oliif deeggarsi  taasifame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –– Magaalaan Ambootti lammiilee harka qalleeyyii fi jireenya sadarkaa gadi aanaarra jiraatan 260 oliiif midhaan nyaataa fi meeshaalee qulqullina ittin eeggatan deeggarsi taasifame.

 

Deeggarsicha kan taasisan Waldaa Ifa Wangeelaa Ambootti proojaktii misooma daa’immaniti.

 

Daayrektarri projaktichaa obbo Sanyii Dhaabii akka ibsanitti Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa uumamuun walqabatee sochiin danga’uun lammiileen galii gadi aanaa qaban rakkinaaf saaxilamaniiru.

 

Deeggarsi taasifame boqqoolloo, zayita nyaataa fi saamuna Birrii Kuma dhibbaa 2 fi kuma 20 tti tilmaamamudha.

 

Akka gabaasa Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti proojaktichi fulduraattis deeggarsa eegale akka itti fufu ibsaniiru.

 

Bakka bu’aan Waajjira Dhimmoota Daa’immanii, Dubartootaa fi Dargaggoota obbo Mullisaa Fayyeeraa dhaabbileen biroos sababa vaayrasii koroonaan lammiilee rakkataan akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.