Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Xaaliyaan Te’ooraan jiraattota haaraa magaalicha seenaniif kiraa manaa ni kaffalti

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Magaalaan Xaaliyaan Te’ooraa jedhamtu jiraattota haaraa magaalicha jiraachuuf makamaniif kiraa manaa ni kaffalti.

Magaalonni xixiqqoon Xaaliyaanitti argaman jiraattota hawwachuuf mala garaagaraatti ni fayyadamu.

Yeroo dhiyoo Kibba Xaaliyaan iddoola Sisiilii keessatti kan argamu magaalaan Saambuuk mana jireenyaa Doolaara tokkoon gurguruu eegaluun isaa ni yaadatama.

Malli kun namoonni nannoo baadiyyaa biyyattii jiraatan imala isaan gara magaalaa gurguddaatti taasisan hir’isuuf akka ta’e ibsameera.

Rakkina kana furuuf bulchiinsi Kaampaaniyaa Kibba biyyattiitti argamu magaalaan Te’ooraa jiraattota haaraaf kaffaltii kiraa manaa akka kennu beeksiseera.

Bu’uuruma kanaan namoota magaalaa Te’oora jiraachuuf garas imalaniif ji’aan Doolaarri Ameerikaa 162 bilisaan ni kennama.

Kaffaltichi waggaa lamaaf kan itti fufu yoo ta’u, waggaa lama booda jiraataan manichaa Yuuroo kuma shaniin bitachuun kan ofii isaa godhachuu akka danda’u ibsameera.

Maddi:- CNN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.