Fana: At a Speed of Life!

Magaalattiitti taarifa gatii geejjibaarratti fooyya’iinsi taasifame

Finfinnee, Amajjii 12, 2015 (FBC)-Baatii Amajjii gatii qinxaaboo boba’aa irraatti sirreeffama gatii taasifame tilmaama keessa galchuun taarifa gatii geejjibaarratti fooyya’iinsi taasifamuu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Fooyya’iinsa gatii geejjibaa kunis borurraa eegalee hojiirraa kan oolfamu ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan konkolaattota Mini Baasii kiiloo meetira 2.5 Birrii 3.50 kan ture Birrii 4, kiiloo meetira 2.5 hanga kiiloo meetiraa 5 Birrii 6.50 kan ture Birrii 7 ta’uu ibsameera.

Dabalataan kiiloo meetiraa 5.1-7.5tti Birrii 10 kan ture Birrii 10 ta’ee akka itti fufu murtaa’uu beeksiseera.

Kana malees, Konkolaattotaa Haayigarii fi konkolaattota deddeebisaa ummataa giddugaleessaa hanga kiiloomeetiraa 8tti Birrii 5 kan ture akkasumaan akka itti fufu, kiiloo meetiraa 8.1-12’tti Birrii 7.50 kan ture foyya’iinsa ammaan Birrii 8, Kiiloomeetira 12.1-16’tti Birri 9.50 kan ture Borurraa eegalee Birrii 10 akka ta’u murtaa’uun ibsameera.

Dabalataan, kiiloo meetira 16.1-20 Birrii 12 kan ture Birrii 13 akka ta’u, kiiloo meetira 20.1 hanga 24 Birrii 14.50 kan ture fooyya’iinsa haaraan Birrii 15, kiiloo meetiraa 24.1-28 Birrii 17 kan ture Birrii 18 akka ta’uu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee murtoo dabarseera.

Awutoobisoota magaalaa ilaalchisee, hanga kiiloo meetira 4tti Birrii 1.50 kan ture fi kiiloo meetira 4.1 hanga 6tti Birrii 2 kan ture taarifa haaraan Birrii 3, kiiloo meetira 6.1-8 Birrii 2.50 kan ture fi kiiloo meetira 8.1-9tti Birri 3 kan ture amma Birrii 5, kiiloo meetira 9.1-10tti Birrii 3.50 kan ture fi kiiloo meetira 10.1-12-tti Birrii 4 kan ture Birrii 6 akka ta’u murtoo dabarseera.

Kiiloo meetira 12.1-13’tti Birrii 4.50, kiiloo meetira 13.1 hanga 15’tti Birrii 5 kan ture akkasumas kiiloo meetiraa 15.1-17’tti Birrii 6 kan ture Birrii 8 ta’uun eerameera.

Dabalataan kiiloo meetira 17.1-20 Birrii 7 kan ture Birrii 10 fi kiiloo meetira 20.1-23 Birrii 8 kan ture Birrii 10 akka ta’u murtaa’eera.

Misikkir Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.