Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti daldaltoota sababa malee daballii gatii taasiisan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti daldaltoota sababa malee daballii gatii taasiisan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu Biiroon Daldalaa magaalichaa beeksiise.
Daballii gatii seeraan ala taasiifamaa jiru to’aachuuf hojjetamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee obbo Abduulfattaa Yesuuf ibsaniiru.
Daldaltootaa seeraan ala meeshaalee dhoksaatti kuusuun qaala’insa jireenyaaf sababa ta’an to’achuuf hojiin itti fufiinsa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
To’annoo fi Hordoffii hanga ammaatti taasiifameen dhaabbilee daldalaa kuma 60 ol irratti sakata’iinsii mana manarraa taasiifamuu himameera.
Daldaltoota kuma 2 fi 859 irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu eerameera.
Kanneen keessaa daldaltoonni 100 ol kanneen sababa malee daballii gatii taasiisan ta’uu ragaan Biiroo Daldalaa magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.