Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti filannoon geejjibaa hundi filannichaaf ganamarra eegalanii tajaajilaa ni laatu-Biiroo Geejjiba

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC)- Filannoo guyyaa boruu gaggeeffamuuf magaalaa Finfinneetti filannoowwan geejjiba hundi ganamarraa eegalanii tajaajilaa kan laataan  ta’uu Biiroon Geejjiba magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Itti aanaan biirichaa obbo Yirgaalaam Birhaanee akka ibsanitti, adeemsi sagalee laachuu hanqinni geejjiba akka hin muudanne hojiin qophii dura xumuramuu himaniiru.

Guyyichatti koreen kenninsaa tajaajilichaa hordofuu. Hogganuu fi damicharra walitti babba’aan hundaa’uu ibsameera.

Waldaan Konkolaachiftoota taaksii, dhaabbileen geejjiba dhiyeessaan baasoonni anbaassaa, Shaggaar fi Haayigeer, waldaa konkolaachiftootaa laadaa waliin mariin taasifamuu himaniiru.

Baasoota tajaajila deeggarsaa laataan dabaluun tajaajilicha bifaa adda ta’een akka laatamuuf  ni taasifamaa jedhan obbo Yirgaalaam.

Kanaafis magaalichatti boruu ganamaa sa’aatii 12 irraa eegalee tajaajila geejjiba laachuuf qophiin tasifameera.

Madd:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.