Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti manneen jireenyaa waliinii seeraan ala qabamanii turan gadi lakkisiisuun fayyadamtootaaf akka darban murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC ) – Magaalaa Finfinneetti manneen jireenyaa waliinii kuma 21 fi 695 seeraan ala qabamanii turan gadi lakkisiisuun fayyadamtootaaf akka darban Kaabineen magaalichaa murteesse.
Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walga’ii har’a gaggeesseen weerara lafaa, gamoowwan abbaa hin qabne, manneen jireenyaa waliinii, gandaa fi daldalaa seeraan ala qabaman ilaalchisee argannoo qorannoo argameerratti yaada murtoo dabarseera.
Walga’ii idilee har’a gaggeesseen gamoowwan abbaa hin 322 caalbaasii ifaan gurgumuun gara kaasnaa mootummaatti galii akka ta’an murteesseera.
Akkasumas manneen jireenyaa waliinii (Koondoomiiniyeemiin) karaa seeraan alaa qabamanii fi duwwaa ta’anii argaman kumni 21 fi 695 fayyadamtootaaf akka darban murtoo darbarsuu ragaan Waajjira Seekreetariyaatii Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.