Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Awutoobisii humna elektiriikaan socho’u yaaluu eegaluuf qophiin taasiifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Awutoobisii humna elektiriikaan socho’u yaaluu eegaluuf qophiin taasiifamaa jiraachuu ibsame.
Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee deeggarsa Faayinaansii fi teeknikaa argachuuf dhaabbilee idil addunyaa waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu himameera.
Awutoobisii magaalaa humna Elektirikaan socha’u yaalii eegaluuf dhaabbata teessoo isaa Landan taasiifate ‘C40 Siitis’ jedhamu waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhame.
Haala hojiirra oolmaa Awutoobisii saffisaa magaalaa kana ilaalchisee guyyoota lamaaf viidiyoo konfaransiin qorannoon idila addunyaa gaggeeffamuu ibsameera.
Sirna qorannoo idila addunyaa kanarratti dhaabbileen mootummaa, dhuunfaa, qorannoo, omishtoonni Awutoobisii fi dhaabbileen miti mootummaa gargaaraa hirmaachuu himameera.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee yaada furmaataa garaagaraa hojiitti hiikuuf hojjechaa jiraachuu eerrameera.
Kaayyoon proojektichaa Awutoobisii saffisaa humna elektirikaan socho’u magaalaa Finfinnee fi magaalota biroorrtti hojiirra oolachuun faallama qilleensaa ittisuun rakkoo fayyaa hawaasaa hir’isuufi jedhame.
Dabalataan baasii biyyattiin jijjiirraa qaamaa fi oomisha boba’aa alaa galchuuf baaftu fi baasii sharafa alaa hambisuuf shoora olaanaa qabaachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.