Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti balfa gogaa walitti qabuu fi deebisanii hojiirra oolchuun galiin Birrii miiliyoonni 52.5 argame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti balfi gogaan tooniin kumni 17 fi 840 walitti qabamuun deebi’ee hojiirra ooluu isaa ibsameera.

Eejansiin Bulchiinsa Balfa Gogaa Magaalaa Finfinnee qaamooleen damee kanarratti bobba’an balfa gogaa seeraan walitti qabuun deebisanii hojiirra oolchaan Birrii miiliyoona 52.5 galii argachuu isaanii beeksiseera.

Waldaaleen sharikaa mootummaan qulqullinarratti gurmeesse 74 fi dhaabbileen 40 ta’an ammoo bu’aa qabeessumma isaa hubachuun dhuunfaan gurmaa’anii hojjetaa jiru jedhame.

Balfa gogaarraa xaa’oon baayoo gaasii uummamaa, aannisaan, faayaaleen garaagaraa, qaruuraan bishaan haylaandii fi lallaaafaa hojjetamaa jiraachuu Eejansichi ibseera.

Gama biroon magaalichaatti interpiraayizoota xixiqqaa kuma 10 ol Sochooftoota kuma 51 fi 63 jalatti gurmeessuun hojii walitti hidhamiinsa gabaa biyya keessaa uummameen birrii Biiliyoona 2.125 argameera jedhame.

Walitti hidhamiinsaa gabaa biyya alaa uummamerraa ammoo birrii miilyoonni 11.8 argamuu ibsameera.

Baatiiwwan 6 darbanitti hojii dhabeeyyii kuma 112 oliif carraa hojii uumuuf karoorfamee, dargaggoota kuma 104 fi 587f carraan hojii uummamuu isaa himameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.