Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti bara 2011 namoota carraan  manneen waliin jireenyaa ba’eef waliigaltee hin raawwannee fi furtuu hin fudhanneef ariitiin waliigalte akka raawwatanii fi furtuu fudhatan ibsame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC)- Finfinneetti Gurraandhala 27, 2011 namoota carraan  manneen waliin jireenyaa ba’eef waliigaltee hin raawwannee fi furtuu hin fudhanneef ariitiin waliigaltee akka raawwatanii fi furtuu fudhatan Bulchiinsi magaalaa Finfinnee yaadachise.

Bulchiinsi magaalicha gaaffii jiraattota sadarka sadarkaan deebisuuf hojiwwan adda addaa hojjetaa jira.

Manneen waliin jireenya 40/60 fi 20/80 ijjaarraman Gurraandhala 27,2011 carraa ba’e turee.

Haa ta’uu malee  manneen ijaarraman kun bu’uraalee misooma ga’aa dhabuu fi hojiin ijaarsa naanno waan hin xumuramneef kanneen carraan qaqqabeef furtuu lachuu fi waliigalte osoo hin mallaata’iin hafuu himameera.

Hanqinoota kanneen furuun warreen carraan qaqqabeef waliigaltee raawwachuu fi  furtuu lachuun ariitiidhaan akka xumuramu bulchiinsi magaalicha yaadichiseera.

Ta’us manneen waliin jireenya 20/80 carraan ba’ee kuma 32 fi 653f  waliigaltee hin raawwanne waliigaltee raawwachuuf gurmaa’u ibsameera.

Yeroo dhiyoottis furtuu akka fudhatan himameera.

Kanneen manneen waliin jireenya 40/60 carraan ba’eef kuma 18 fi 576f ammoo kana duraa waliigaltee raawwatan  hojiin furtuu laachuu eegalamu Bulchiinsi magaalicha ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.