Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti daballiin gatiis ta’e hanqinni boba’aa hin jiru

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daballiin gatii taasifamee fi hanqinni boba’aa tokkollee kan hin jirre beeksiseera.

Buufataalee boba’aa fi qaamolee biroo dhiyeessii boba’aarratti rakkoo uuman to’achuun cimee kan itti fufu ta’uu Biiroon Daldalaa Finfinnee beeksiseera.

Tibba kana magaalichatti hanqinni boba’aa muudateera jechuun buufataalee boba’aa tokko tokkotti hiriirri konkolaattotaa muul’achaa jiraachuu hogganaan biirichaa obbo Abdulfattaa Yesuuf ibsaniiru.

Hordoffii taasifameen dhuma baatii kanaa yaaliin daballii gatii fi boba’aa dhoksuu jiraachuu himaniiru.

Magaalichatt daballiin gatii taasifamee fi hanqinni boba’aa tokkollee akka hin jiraanne ibsaniiru.

Sirna hordoffii fi to’annoo cimsuun rakkoo uummame yeroo gabaabaa keessatti sirreessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu obbo Abdulfattaan ibsuu isaanii ragaan Waajjira Prees Sakreetaariyaatii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.