Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti har’arraa eegalee talaalliin vaayrasii koroonaa bifa duulaatiin ni laatama

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC)-  Magaalaa Finfinneetti har’arraa eegalee talaalliin vaayrasii koroonaa bifa duulaatiin kan laatamu ta’uu Biiroon Fayyaa Magaalichaa ibseera.

Namoonni umriin isaanii waggaa 12 fi isaa ol ta’ee guyyaa har’arraa eegalee talaalliin vaayrasii koroonaa akka laatamuu biirichi ibseera.

Talaalliin kun Sadaasa 6 hanga 15, 2014tti ni laatama jedhameera.

Lammiileen umriin isaanii waggaa 12 ol ta’ee buufatalee fayyaa naannoosaaniitti argamuu deemuun talaallicha akka fudhatan hogganaan Biiricha Dooktar Yohaannis Caalaan ibsaniiru.

Buufata fayyaa dabalatee waliin ga’iinsa talaallichaa babaldhisuuf iddoowwan gabaa, giddugaloota, baankootaa, buufatalee konkolaataa, paarkoota indaastirii fi iddoowwan filataman birootti ni laatama jedhameera.

Sadarkaa magaalaa Finfinneetti hanga ammatti namoonni miiliyoona walakkaa ol ta’aan talaallicha kan fudhatan yoo ta’u, duula talaallii guyyoota 10 keessaatti gaggeeffamuuf jiraattoonni magaalichaa miiliyoona 1 ol ta’an fayyadamoo taasisuuf gareen talaallii gurmaa’uu Dooktar Yohaannis Caalaa himuusaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.